GADAAKOOLOOJII: Falaasama Keenya
GADAAKOOLOOJII Gadaakooloojiin bu'uura falaasamaa kaampaanii keenyaati. Gadaakooloojiin yaadama misoomaa dirree beekumsaa adda addaa irraa burqu yoo ta'u, seenaa, haala jireenyaa fi aadaa Uummata Oromoo, dudhaalee Sirna Gadaa irrattu hundaa'uun deebisee haaromsuu fi ijaaruuf fageesse mil'ata. Akkaataa yaadama Gadaakooloojiitiin, seenaan idaa'ama taatelee darbanii fi ammaati, kan barreefamaniis ta'e kan hin barreeffamin haammatu, kan kallattii addaa addaan ilaalamu danda'u fi kal-tokkee hin taane jedhee amana. Kanaafuu yaadama "Kan duris ammuma" jedhu qabatee adeema.
Yaadamni Gadaakoolojii sagantaalee keenyaaf burqaa anniisaa dudhaalee hawaasummaa keenya addunyaa waliin ittiin wal quunnamsiisnu. Sararoonni uummata keenya ittiin gahoomsinu: sarara namummaa, sarara ogummaa, sarara qabeenyaa fi sarara diinagdeeti. Dudhaaleen sirna hoggansaa Gadaakoolojii amantaa fi safuu hojiiwwanii fi adeemsa sirni hoggansaa keenya ittiin geggeefamuu fi kan pirojektoonni fi maatii fi hawaasnii Gadaa nuti uumuu feenu ittiin hoogganamu. Gadaakooloojiin naannoo gamatti, biyyaa gamatti, ardii gamattii fi dhaloota-tokkoo gamatti aggaamee misoomaa argamsiisuuf kaayyeffata.